{"id":324108,"date":"2025-12-03T03:11:16","date_gmt":"2025-12-03T03:11:16","guid":{"rendered":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/324108\/"},"modified":"2025-12-03T03:11:16","modified_gmt":"2025-12-03T03:11:16","slug":"egeree-ijoollee-keessanii-australia-keessattiif-akkamiin-qabaa-maallaqaa-karoorfattu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/324108\/","title":{"rendered":"Egeree Ijoollee keessanii Australia keessattiif akkamiin qabaa maallaqaa karoorfattu"},"content":{"rendered":"<p>Tuqaalee IjooEgeree ijoollee keessaniif qarshii ol kaa&#8217;uun liqaa isin irra jiru of irraa hir&#8217;isuu irraa eegala.Liqaa ijoollee keessaniif wabii utuu hin tahin dura ogeessota maallaqaa dubbisuun gaarii dha. Qusii maallaqaa barsiisanii ijoollee guddisuun yeoo ga&#8217;eessa tahanitti qabaa maallaqaatti  dansa isaa tolcha. Maatii hedduun egeree maallaqaa ijoollee isaanii mirkana taasisuu hawwu.Aadaa hedduu keessatti ijoolleen akkuma guddachaa deemaniin warra isaanii deeggaruun kan irraa eegamu ta\u2019us, Australia keessattis warri ijoolleen isaanii maallaqaa ol kaayyachuu akka jalqaban gargaaruun waan baramaa dha, fakkeenyaaf konkolaataa jalqabaa, ykn mana bitachuuf akkasumas university ittiin barachuuf. \u00a0Barmoota university ijoolleef qarshii ol kaa&#8217;uun akka biyyoota biraatti Australia keessatti beekamaa miti, galatni kan mootummaa Australia haa tahu gargaarsa liqaa <a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/www.education.gov.au\/higher-education-loan-program&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/www.education.gov.au\/higher-education-loan-program\" data-testid=\"external-link\">government loan schemes,<\/a>  barattootni barmoota ol&#8217;aanaa fi kolleejjii baratan isuma irratti hirkatu. David Sharpe Dura taa\u2019aa Waldaa Gorsa Faayinaansii Australia, qaama gorsitoota faayinaansii ol\u2019aanaa ti. Yeroo ammaa qusiin maallaqaa maatii gara caalu mana bittaaf jedha. <\/p>\n<p>&#8220;Waggaa kudhan of booda achii deebinee yoo ilaalle namni cidhaa fi konkolaataaf qusata, amma tana garuu bittaa manaa ti, &#8221; jedha. <\/p>\n<p><img sx=\"[object Object]\" alt=\"Australia Explained: Saving Money for Children\" loading=\"lazy\" width=\"2004\" height=\"1496\" decoding=\"async\" data-nimg=\"1\" class=\"mui-uwwqev\" style=\"color:transparent\"   src=\"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-content\/uploads\/2025\/12\/gettyimages-1913469433.jpg\"\/><\/p>\n<p>Moneysmart is a government website providing independent information to Australians about financial decisions they need to make. Credit: courtneyk\/Getty Images<\/p>\n<p>&#8221; Karoora yeroo dheeraas tahu, ykn yoo ijoolleen reef darda tahan wagga lameen dhufu keessa mana bituu yaaluufis tahu, kanatu  maatii baayyeef yaaddoo tahee jira. &#8220;Sagantaaleen mootummaa fi hawaasaa illee maatiin akka karoora qusii maallaqaatti milkaawaniif akka gargaaru beekuun dansa. Fakkeenyaaf, <a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/my.gov.au\/en\/services\/work\/managing-the-cost-of-living\/managing-household-costs\/help-with-education-costs&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/my.gov.au\/en\/services\/work\/managing-the-cost-of-living\/managing-household-costs\/help-with-education-costs\" data-testid=\"external-link\">matched savings initiatives<\/a><br \/>Kan jedhamu ykn kaffaltiin karaa Centrelink barnootaaf akkasumas jireenyaaf ni deggera. Marsariitii <a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/my.gov.au\/en\/services\/work\/managing-the-cost-of-living\/managing-household-costs\/help-with-education-costs&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/my.gov.au\/en\/services\/work\/managing-the-cost-of-living\/managing-household-costs\/help-with-education-costs\" data-testid=\"external-link\">Services Australia<\/a>  irra deemuun odeeffannoo irra caalaa argachuus dandeessu.Karoora kamuu yoo qabaatte, utuu ijoollee koof kophaatti maallaqa kaa\u2019aa hin yaadin dura, liqaa ofii kee gadi buusuun , yaada dansa. <\/p>\n<p>&#8220;Sababni isa yoo liqaa kee of irraa kaffaltee waan si irra jiru gad bu\u2019aa deeme, carraa ijoollee keef horii qusachuu argatta. \u201c jedha obbo Sharpe. <\/p>\n<p>Daandii gaariin ijoollee keessan mana jalqabaa akka bitatan itti gargaartan kam?<\/p>\n<p>Mana bitachuuf gaafa jedhan maatiin tokko tokko deposit kafaluun gargaaru. Garuu yoo liqaa manaa irratti wabii tahuun gargaaruu barbaadde tahes baayyee of eeggannoon akka goodhtu si gorsina. jedha barreessaan faayinaansii dhuunfaa kan Moneysmart \u00a0Shevaune Marchingo.:Hagam akka laatteefii fi akkamiin akka sii deebisan, bu&#8217;uuraan barreessuu aadeffadhu&#8221;<\/p>\n<p>\u201cKana gochuun yoo daa\u2019ima tokkoo ol qabda tahee lameenuu maallaqaan gargaaruu barbaadda tahe wal qixa gargaaruuf\u00a0 si fayyada..\u201d<\/p>\n<p><img sx=\"[object Object]\" alt=\"Australia Explained: Saving Money for Children\" loading=\"lazy\" width=\"2121\" height=\"1414\" decoding=\"async\" data-nimg=\"1\" class=\"mui-uwwqev\" style=\"color:transparent\"   src=\"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-content\/uploads\/2025\/12\/gettyimages-1295105731.jpg\"\/><\/p>\n<p>Check for any tax benefits when committing to long-term investments, like insurance bonds. Source: Moment RF \/ Traceydee Photography\/Getty Images<\/p>\n<p>Utuu liqaa manaaf ijoollee keef wabii hin tahin dura itti yaaduun gaarii dha.<br \/>&#8220;Ijoolleen kee deebisanii kaffaltii manaa kaffaluu danda&#8217;uu irratti amanamummaa qabaachuun barbaachisaa dha .&#8221; jeedhti aadde Marchingo. &#8221; Sababa fedheenuu mucaan kee liqaa san kafaluu dadhabnaan iddoo buutee guutummaa isaa kafalta taha. &#8220;Daandiileen adda addaa itti ijoollee keessaniif maallaqa qusattan ni jiran, kan akka herrega qusannaa(saving account) fi kuufama yeroo(tem deposits) akkasumas filannoowwan invastimantii yeroo dheeraa kkf ni jiru.<\/p>\n<p>Utuu murtee maallaqaa hin fudhatin dura ogeessa maallaqaa irraa gorsa fudhu. <\/p>\n<p>Australia keessatti gorsa maallaqaa amanamaa akkamiin argattu?<\/p>\n<p>Utuu tajaajila gorsaa tokko hin fayyadamin dura warreen gorsitoota maallaqaa(<a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/moneysmart.gov.au\/financial-advice&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/moneysmart.gov.au\/financial-advice\" data-testid=\"external-link\">financial advisers) <\/a>warre  gara garaa wal bira qabuun ilaalaa. <\/p>\n<p>Kun kan dabalatu: <\/p>\n<p>Adeemsa jiru kanneen sitti himaniif karoora kee bakkaan gahuuf kan si gargaaranQarshii hagam akka kaffaltuu fi atis maal akka irraa argattu kan si gorsan. Akkamiin akka dhimma maallaqaa kee itti qaban kan si gorsanMurtii kennuu irratti kan si mariisisan\u201c Akksumas gaafatama hagam fudhachuu akka ati dandeessu si mariisisu, kun dhuguma maallaqa kee irratti murtii kennuuf kan si gargaarani dha, &#8221; jedhti aadde Marchingo dabaltee. Yoo kan gorsa maallaqaa dhuunfaa humna keessan ol tahe, gorsi maallaqaa tolaa isin gargaaran ni jiru, karaa maarsariitii  <a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/ndh.org.au\/financial-counselling\/find-a-financial-counsellor\/#:~:text=counsellor%20you%20can%3A-,Call%20the%20National%20Debt%20Helpline%20on%201800%20007%20007.,am%20to%208.00%20pm%20weekdays.&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/ndh.org.au\/financial-counselling\/find-a-financial-counsellor\/#:~:text=counsellor%20you%20can%3A-,Call%20the%20National%20Debt%20Helpline%20on%201800%20007%20007.,am%20to%208.00%20pm%20weekdays.\" data-testid=\"external-link\">National Debt Helpline<\/a> ykn  1800 007 007 bilbiluun gaafachuu dandeessu. <br \/><img sx=\"[object Object]\" alt=\"Australia Explained: Saving Money for Children\" loading=\"lazy\" width=\"2119\" height=\"1415\" decoding=\"async\" data-nimg=\"1\" class=\"mui-uwwqev\" style=\"color:transparent\"   src=\"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-content\/uploads\/2025\/12\/gettyimages-2173510744.jpg\"\/><\/p>\n<p>A simple exercise if you&#8217;re at the shops with your child is to get them compare the cost of two items and help you make a choice together. Credit: rudi_suardi\/Getty Images<\/p>\n<p>Ijoollee waa&#8217;ee maallaqaa barsiisuun maaliif barbaachise?<\/p>\n<p>T<a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/moneysmart.gov.au\/about-us&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/moneysmart.gov.au\/about-us\" data-testid=\"external-link\">ilmaama<\/a> Moneysmart, irraa akka hubatamutti lammiilee Australia harka sadii keessaa tokko qabaan maallaqaa isaan dhiphisa. Tokko tokkoof ammo, waanuma maallaqaa haasa\u2019uunuu itti hin tolu.Caroline Stewart hoji-gaggeessituu dhaabbata  <a class=\"MuiTypography-root MuiTypography-inherit MuiLink-root MuiLink-underlineAlways mui-kxvuwz\" target=\"_blank\" rel=\"noopener noreferrer nofollow\" data-clickevent=\"{&quot;elementType&quot;:&quot;LinkEmbed&quot;,&quot;clickURL&quot;:&quot;https:\/\/www.ecstra.org.au\/&quot;,&quot;clickType&quot;:&quot;clickSource&quot;}\" href=\"https:\/\/www.ecstra.org.au\/\" data-testid=\"external-link\">Ecstra<\/a>(Ex-tra) kan sagantaa barmoota maallaqaa mana barmootaa Australia gaggeessuu ti.Maatiin haasawa maallaqaa dafanii jalqabuun barbaachisaa ta\u2019uu dubbatti.\u201cSadarkaa mana barmootaa gadiitti illee waa\u2019ee maallaqaa dubbachuu xiqqoo ariitii fakkaachuu danda\u2019a, garuu ijoolleen xixiqqaan kun barbaachisummaa maallaqaa fi waan bitachuu barbaadan illee daa\u2019imummaa isaaniitti ni beekan\u201dJireenya guyyuu keessatti kanneen akka supermarket  yeroo deemtan carraa argattan hundatti jireenya dhugaa dhimma maallaqaa ijoollee keessan barsiisuun gaarii dha. &#8221; Qalbii ijoollee keessanii keessa kaa&#8217;uun gaarii dha, wa&#8217;ee maallaqaa waliin dubbachuunis fafa miti, kanaaf waliin dubbatnaan kun jireenya isaanii fi qabaa maallaqaa egeree isaaniif ofitt-amanamummaa kennaaf jedhti adde Stewart ammas. <\/p>\n<p>Ijoollee keessaniifis torbanitti qarshii xiqqoo laattanii sani irraa  haga tokko waan  bitachuu barbaadaniif akka isaan ol kaayyatan jajjabeessuu dandeessu. Kun gatii maallaqni qabu . filatnoo qaban akkasumas gammachuu inni qabu akka hubatan isaan taaisa. <\/p>\n<p><img sx=\"[object Object]\" alt=\"Australia Explained: Saving Money for Children\" loading=\"lazy\" width=\"2121\" height=\"1414\" decoding=\"async\" data-nimg=\"1\" class=\"mui-uwwqev\" style=\"color:transparent\"   src=\"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-content\/uploads\/2025\/12\/gettyimages-1400704415.jpg\"\/><\/p>\n<p>Using appropriate language and examples for your child\u2019s age, like saving for an excursion or a birthday party, you can introduce financial planning learnings early on, Dr Zeka says. Credit: Maskot\/Getty Images\/Maskot<\/p>\n<p>Umurii hagamitti ijoolleen waa&#8217;ee qusii maallaqaa fi karoora barsiifamuu qabu?<\/p>\n<p>Dr Bomikazi Zeka university Canberra keessatti profeesera gargaaraa maallaqaa fi karooraa akkasumas ogummaa barmoota qabaa maallaqaa kan qabdu dha.&#8221;Guyyaa rakkoof maallaqa ol kaayyachuun yoom iyyuu taanaan waan gaarii dha, garuu ijoollee ilaalchisee kun maal jechuu dha?.&#8221;&#8221;Maatiin yeroo hunda iyyuu waan mana keessaa karoora qusii maallaqaa dabalatee dhugaa jiru akka hubatan ijoollee waliin haasa\u2019uu jalqabuu qabu, yeroo kana ijoolleen maallaqa abbaa fi haatii bankii keessaa qaban waan baraan jiraatu akka hin taane hubatu, karoora qusii maallaqaa keessatti ijoollee hirmaachisuun milkaa\u2019ina isaaf illee wabi dha. \u201cDhumarratti, daa\u2019ima keessan karoora maallaqaa maatii keessanii keessatti hirmaachisuun ga\u2019eessota ofitti amanamummaa fi dandeettii qaban akka ta\u2019an gargaaraAkkasumas ga&#8217;eessa taha yeroo deeman irra caalaatti qabaa maallaqaatti gahoo tahu jedhti Dr Zeka. &#8220;Yeroo ijoollee dhimma maallaqaa keessatti xiqqummaa irraa hirmaachisan, yeroo guddatan dhimma maallaqaa irratti ofitt-amanamummaa qabaatu, akkasumas murtii sirrii fudhatu, liqaa kaffaluu fi fafaa fi bu&#8217;aa iliqaa deebisuun wal qabates qoratanii hubachuu danda&#8217;u. &#8220;Duubbeen keessanis tahe galiin keessan kamuu haa tahu, waa\u2019ee qabaa fi qusii maallaqaa maatii keessatti marihachuun kan yeroon isaa  sichiis ykn irraa dabres miti ammuma jalqabuu dandeessu.Disclaimer: This information is general in nature. Seek professional advice before making a financial decision. If you are in financial stress, call the National Debt Helpline on 1800 007 007.Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.\u202f\u202f\u202f<\/p>\n<p>Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to australiaexplained@sbs.com.au\u202f<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"Tuqaalee IjooEgeree ijoollee keessaniif qarshii ol kaa&#8217;uun liqaa isin irra jiru of irraa hir&#8217;isuu irraa eegala.Liqaa ijoollee keessaniif&hellip;\n","protected":false},"author":2,"featured_media":324109,"comment_status":"","ping_status":"","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[4],"tags":[64,63,44],"class_list":["post-324108","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","category-australia","tag-au","tag-australia","tag-news"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/324108","targetHints":{"allow":["GET"]}}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=324108"}],"version-history":[{"count":0,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/324108\/revisions"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/media\/324109"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=324108"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=324108"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/www.newsbeep.com\/au\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=324108"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}